Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Haaromsa biyyaalessaa qooda fudhattootaa fi qaamolee tumsitootaa waliin boru Maqaleetti marii gaggeessa

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Komishiniin Haaromsa biyyaalessaa qooda fudhattootaa fi qaamolee tumsitootaa waliin boru magaalaa Maqaleetti marii kan gaggeessu ta’uu ibsame.

Waliigaltee nageenyaa booda naannoo Tigraayitti tasgabbii uumamuu fi qaamolee walii galtee taasiisan gidduutti wal amantaa jiru caalmaatti cimsuuf marii yeroo jalqabaaf Magaalaa Maqaleetti gageeffamu ta’uu eerameera.

Komishinarri Komishinii Haaromsa biyyaaleessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa fi hoggantoonni biroo maricharratti hirmaachuuf magaalaa Maqalee galaniiru jedhame.

Marichi loltoonni duraanii jireenyaa waaraa fi tasgabbii qabu akka jiraatan taasiisuuf murannoo mootummaan qabu mirkaneessuuf kan kaayyeefate ta’uu himameera.

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Dambii Mana Maree Ministeerootaa Lakkoofsa 525/2015 hundaa’uun gara hojiitti galuu eerameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.