Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Abbootii Amantaafi qaamolee dhimmamtootaa waliin marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 15, 2015(FBC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Abbootii Amantaa, Waldaalee Siiviilii, jaarsolii biyyaa fi qaamolee dhimmamtootaa magaalaa Finfinnee waliin marii gaggeessaa jira.

Ittaantuun Komishinara olaanaa komishinichaa Komishinar Hiiruut Gabrasillaaseen, hojiilee gurguddoo komishinichi hanga ammaatti hojjeterratti ibsa laataniiru.

Ityoophiyaatti marii biyyaalessaa gaggeessuun kan barbaachiseef nageenya waaraa mirkaneessuun mootummaa biyyaalessaa cimaafi fudhatamummaa qabu ijaaruuf ta’uu eeraniiru.

Tattaaffiin Ityoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaafi nageenya waaraa fiduuf taasifamu akka milkaa’uuf hirmaannaafi deeggarsi hundaa barbaachisaa waan ta’eef komishinichi qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa waliin walitti fufiinsaan mari’achaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.