Fana: At a Speed of Life!

Konfiransiin WMO damee Boolee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 11, 2016 (FBC) – Konfiransiin Waldaa Misoomaa Oromiyaa damee Kutaa Magaalaa Boolee gaggeeffamaa jira.

Walitti qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa haasaa taasisaniin WMOn yeroo hundaa’u kaayyoo Oromiyaa misoomsuu qabatee ta’uu yaadachiisuun sanyii amantaafi siyaasaan osoo adda hinqoodiin jiraattota naannichaa maraaf akkasumas Oromoota naannolee ollaa jiraniif gama misoomaatiin gumaacha guddaa taasisaa turuu kaasaniiru.

Waldichi yeroo ammaa dhaloota dorgomaa fi ciccimoo maqaa biyyaa waamsisan horachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hoji raawwachiistuu olaantuun kutaa magaalaa Boolee Aadde Alamtsahaay Shifarraaw WMOn waldaa hunda galeessa naannoorra darbee akka biyyaatti hojjetu ta’uu ibsuu AMN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.