Fana: At a Speed of Life!

Konfireensiin tumsa diinagdee naannolee Afaar, Amaaraa fi Tigraay cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC) – Konfireensiin tumsa diinagdee naannolee Afaar, Amaaraa fi Tigraay cimsuurratti xiyyeeffate Magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa jira.

Bakka buutoonni Mana Maree Daldalaa, hawaasni daldalaa fi qaamoleen dhuunfa dhimmichi ilaallattu naannolee sadanirraa walitti babba’an konfireensicharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Waggoottaan darban sababa walitti bu’iinsaan sochii daldalaa naannolee kanneen gidduutti laafee ture deebisanii si’oomsuuf konfireensii qophaa’e ta’uu ibsamera.

Konfireensicha Ministeerri Nageenyaa, Manni Maree Daldalaa naannoo Afaarii fi dhaabbileen deeggartootaa damichaa waloon kan qopheessan ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.