Fana: At a Speed of Life!

Koontiraaktaroota Hidha Haaromsaa hojjetan waliin mari’atame

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Silashii Baqqalaan koontiraaktaroota Hidha Haaromsaa hojjetaa jiran waliin mari’ate.
 
Marii kanaan koontiraaktaroonni haala hojii fi karoora qindoomina hojii irratti gabaasa dhiyeessaniiru.
 
Marii boodas Dooktar Silashiin haala hojii fuula duraa ilaalchisee kallattii raawwii kaa’aniiru.
 
Yeroo darbe koreen teeknikaa Hidha Haaromsaa raawwii hojii fi haala guutinsa bishaanii ilaalchisee muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif gabaasa dhiyeessun isaa kan yaadatamudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.