Fana: At a Speed of Life!

Kontirobaandii ittisuuf hoggantoota gufuu ta’an saaxiluun barbaachisaa ta’uun akeekame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)-Daddabarsa meeshaalee kontirobaandii irratti hoggantoota mootummaa hirmaatan saaxiluun itti gaafatamtoota taasisuuf tumsuun barbaachisaa ta’uu Koomiishinarri Koomiishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan ibsan.

Koomishinichi raawwii kurmaana jalqabaa 2016 bakka qondaaltonni mootummaa fi hoggantoonni dhaabbilee argamanitti gamaaggameera.

Obbo Dabalee Qaabataan waltajjicharratti akka ibsanitti, baatiiwwan darban kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa ittisuuf hojiilee hojjetamaniin meeshaleen kontiroobaandii Birrii biiliyoona 3.8 to’annoo jala oolfamuu ibsaniiru.

Hojiileen to’annoo fi hordoffii kontirobandii walitti fufiinsaan hojjetamaa jiraatanis, rakkochi dhiibaa hawaasummaa fi diinagdee uumaa jiraachuu kaasaniiru.

Namoota daldala meeshaalee kontirobaandii irratti bobba’an akka to’annoo jala hinoolfamne, odeeffannoo kan dabarsanii kennan, kanneen to’ataman akka gadi lakkifaman kan taasisanii fi akka itti hingaafatamne hoggantoonni hojjetan akka jiran ibsaniiru.

Naannawaa tokko tokkottis daddabarsaa meeshaalee kontirobandiif tumsa eegumsaa kan taasisan akka jiran ibsuu TOI gabaaseera.

Keellaawwan naannawaa hundaa jiran daddabarsa oomishaalee gufachiisaa fi kontiroobaandii babal’isaa jiraachuurraan akka ka’aniif kallattiin kennamus hojiirraa oolaa akka hinjirre dubbatan.

Keellaawwan jiranitti hoggantootaa fi ogeeyyii rakkoo uuman adda baasuun tarkaanfiin fudhatamaa jiraatus, kontiroobaandii ittisuu fi to’achuun tattaaffii hunda kan gaafatu waan ta’eef, sadarkaa barbaadamuun bu’aa kan hinargamsiisne ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.