Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Awurooppa Tuuniziyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 127 eeyyame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Waliigalteewwan Gamtaa Awurooppaa fi Tuuniiziyaa gidduutti mallatteeffaman hojiirra oolchuuf Koomiishiniin Awurooppaa Tuuniiziyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 127 eeyyamuun ibsame.

Koomiishinichi maallaqa waliigalaa eeyyamame keessaa Yuuroon miiliyoonni 60 deeggarsa baajata biyyaattiif kan oolu yoo ta’u, Yuuroo miiliyoona 76 immoo buqqatoota deeggaruuf kan oolu ta’uun ibsameera.

Tibba dhufu aangaa’oonni koomiishinichaa erga Tuuniziiyatti daawwannaa taasisaniin booda akkaataa sanada waliigaltee isaaniin maallaqichi kan gadi lakkifamu ta’uun himameera.

Angaa’oonni kunneen dursaanii Tuuniziyaa kan deemaaniif wantoota dursi kennamufirratti mar’achuuf ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.