Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi meeshaalee ijaarsaa seeran alaa to’ate ijaarsa manneen harka qalleeyyiif oolchuun kan dinqisiifatamudha-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Koomishiniin Gumurukaa meeshaalee ijaarsaa seeraan alaa hattota harkaa to’atee tarkaanfii seeraa fudhachuun ijaarsa manneen harka qalleeyyiif akka oolu taasisuun kan dinqisiifatamuudha jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Asaanech Abeebee.
Koomishiniin Gumurukaa meeshaalee ijaarsaa Birrii miiliyoona 14 fi kuma 500’tti tilmaamamu kutaalee hawaasaa sadarkaa jireenyaa gadaanaa keessa jiraniif deeggarsaa taasiseera.
Koomishinarri Koomishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa, simmintoo kuntaala kuma 3 fi 500, qoorqorroo baallee kuma 25 ol kutaa magaala Qirqoositti argamuun gumaachaniru.
Hoji Gaggeessan Kutaa Magaalichaa Obbo Zamanuu Dassaalanyi, koomishinichi manneen jireenyaa jiraattota 35’f deeggarsa Birrii miiliyooa 15 taasisuun haaromsa manneenii eegaluu himaniru.
Koomishinichi deeggarsa taasiseef galateeffatani, dhaabbileen biroonis jireenyaa lammiile fooyyessuuf gahee gama isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Kantiibaaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gama isaaniin, koomishinichi meeshaalee ijaarsaa seeran alaa to’atee ijaarsa manneen harka qalleeyyiif oolchuun, jireenya lammiilee fooyyessuuf tattaaffii taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
Deeggarsi dhaabbilee biroos cimee itti fufuu qaba jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.