Fana: At a Speed of Life!

Koomishiniin Awurooppaa deeggarsa namoomaaf Yuuroo biiliyoona 1.8 ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)-Komishiniin Awurooppaa deeggarsa namoomaa biyyoota garaagaraaf kan oolu Yuuroo biiliyoona 1.8 raggaasise.
 
Addunyaarraattii bara 2024’tti namoota miiliyoona 300’tti dhiyaataniif deeggarsa namoomaa akka barbaachisu kan tilmaamamu yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa waggaa waggaan hawaasa saaxilamtootaaf deeggarsa kan taasisuudha.
 
Haaluma kanaan komishinichi barana deeggarsa namoomaaf kan oolu baajata Yuuroo biiliyoona 1.8 raggaasiseera.
 
Yuuroo miiiyoona 346’tti dhiyaatu Itiyoophiyaa dabalatee yeroo dheeraaf walitti bu’iinsaa keessaa kan turanii fi jijjiirama qilleensaaf kan saaxilaman Bahaa fi Kibbaa Naannawaa Afrikaa akkasumas Afrikaa Bahaatti jechuunis, naannawaa haroowwan guguddaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Madagaaskaar, Moozaambiik, Jibuutii, Keeniyaa fi Somaaliyaaf kan oolu ta’uun ibsameera.
 
Dabalataan, Yuuroo miiliyoonaa 200’tti dhiyaatu ammoo kanneen qe’eesaaniirraa buqqaa’anii dhieewwan garaagaraa fi hanqina nyaataaf saaxilaman jechuunis Burkiinafaasoo, Maalii, Moritaaniyaa fi Niijeer akkasumas walitti bu’iinsa, rakkoo nageenyaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa keessatti kan argaman Rippaabilikii Giddugaleessaa Afrkaa fi Chaad, Kaameeruunii fi Naayijeeriyaaf kan oolfamu ta’uun eerameera.
 
Akkasumas Gaazaa fi Filisxeemitti, Sooriyaa, Liibaanoos, Yemenii fi biyyootaa naannawichaa, Afrikaa Giddugaleessa Bahaa fi Kaabaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 470tti dhiyaatu ramaduun ibsameera.
 
Yuuroo miiliyoona 115 ammoo Awurooppaa Kibbaa Bahaa fi naannawichaaf deeggarsi kan taasifamu ta’uun ibsameera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.