Fana: At a Speed of Life!

Koomishiniin Poolisii Harar Hoggantoota 81’rratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa fudhatee

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Koomishiniin Poolisii Harrar hoggantoota rakkoo naamusaa qaban 81’rratti tarkaanffii seeraa bulchiinsaa fudhachuu beeksise.

Koomishinichi olaantummaa seeraa kabachisuuf hojiilee hojjetamanirratti guyyoottan 5’f gamaaggama taasiseera.

Koomishinarri Koomishini Poolisii Naannoo Harar Naasir Zaakariyaa akka ibsanitti, gamaaggama kanaan rakkoon naamuusa fi kenna tajaajilaa mul’atan kaafamaniiru.

Haaluma kanaan, hooggantoota itti gaafatamummaa mootummaa fi ummataan itti kenname fayyadamuun, hawaasa tajaajilurra, faayidaa dhuunfaa isaaniif socho’aa turanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu ibsaniiru.

Miseensota Poolisii 51 hojirra akka gaggeeffaman, 17 seeraan akka gafataman taasifamuu fi 23 maallaqa akka adabamanii fi kaanis hojiirra ugguruu fi sadarkaa hoggansaarra gadii bu’uu ibsuu ragaan koomishinarricharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.