Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransii sosochii nageenya tiraafikaa Adaamaatti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Koonfaransiin sosochii nageenya tiraafikaa magaalaa Adaamatti gaggeeffameera.

Koonfaransichi qopheessummaa Abbaa Taayitaa Geejibaa Oromiyaa fi Ministeera Geejibaa Federaalaatiin gaggeeffameera.

Itti aanaan hogganaa Abbaa Taayitaa Geejiba Oromiyaa obbo Ahimad Abbaa Gissaa sagantaa kanarratti akka dubbatanitti balaa tiraafikaa yeroodhaa yerootti dabalaa jiru xiqqeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessadha jedhaniiru.

Rakkoo balaa tiraafikaa fi furmaata isaarratti koreen poolisii Oromiyaa fi Abbaa Taayitaa Geejibaa Oromiyaarra walitti baba’e qorannoo gaggeessaa turuun ibsameera.

Haaluma kanaan ariitii, lafoo deemtotaaf dursa kennuu dhabuu, naamusa konkolaachisaa, rakkoon teekiniikaa fi kanneen biroo sababa ijoo ta’uun ibsamaniiru.

 

Akka ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argannee muldhisutti gargaaraan komishiinaraa komishiinii Poolisii Oromiyaa Taammiraat Dhaabaa gamasaaniitiin rakkoo balaa tiraafikaa xiqqeesuu kan dandeenyu tumsa nama hundaatiin waan ta’eef qaamoleen dhimmi ilaalu hirmaannaa taasisuu qabu.

Bakka deemnu hundattis hawaasni keenya seera tiraafikaa eegee akka imaluufi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti qoodasaa akka bahatuuf hubannoon hawaasaa bakka hundatti uumamuu qaba.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.