Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa jalqaba Baatii Waxabajjii keessa Saatalaayitii Baasaasummaa dabalataa furgugsuuf ta’uu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa bara Faranjootaa 2024 jalqaba Baatii Waxabajjii keessa Saatalaayitii Baasaasummaa dabalataa furgugsuuf ta’uu beeksiifte.

Caamsaa 27 – Waxabajjii 4, 2024tti furgugsuuf karoorfachuu himteerti.

Biyyattiin Baatii Sadaasaa darbe keessaa Saatalaayitiin Yaalii 3ffaan gara Hawaatti furgugsite mormii bal’aa keessummeessuun kan yaadatamuudha.

Saatalaayitiiwwan kunneen humna odeeffannoo walitti qabuu Piyoongiyaangi kan guddisuu fi keessattuu odeeffannoo waraanaa biyyoota faallaa ishee walitti qabuuf murteessuu ta’uu eerameera.

Kooriyaan Kaabaa Waayita Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Chaayinaa gidduutti waggoottaan 5 as yaa’iin sadee gaggeeffamuuf qophiirra jirutti karoora kana ifoomsuu eerameera.

Biyyattiin karoora ishee ifoomsuu hordofee aanga’oonni Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaan Kibbaa bilbilaan mari’achuu isaanii Al Jazeeraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.