Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastikaa 2ffaa furgugsifte

Finfinnee, Amajjii 3, (FBC) – Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastikaa torbee tokko keessatti yeroo 2ffaaf gara qarqara Galaanaa Baha biyyattiitti furgugsisuu ibsameera.
Biyyattiin guyyoota 6 dura Misaa’eela Baalaastikaa Hayparsooniik jedhamu milkiin kan furguugsifte yoo ta’uu, guyyaa har’aa Misaa’eela Baalaastikaa 2ffaa furguugsifteerti.
Humnoonni Waraanaa Kooriyaa Kibbaa ibsa waloon laataniin Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Baalaastikaa lafarraa gara Qarqara Galaanaa Baha biyyattiitti dhukaasuu ishee himaniiru.
Misaa’eelli Baalaastikaa 2ffaa Kooriyaa Kaabaa kun Kooriyaa Kibbaa daraan dallansiisuu ibsameera.
Humnoonni Waraanaa Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaan yaaliin Misaa’eelaa Kooriyaa kaabaa Kana itti dhiyeenyaan hordofaa jiru jedhame.
Waajjirri Muummee Ministiraa Jaappaanii fi Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii Misaa’eelli Kooriyaan Kaabaa Furguugsifte Misaa’eela Baalaastikaa ta’uu eeruun yaada dabalataa laachuurraa of qusataniiru.
Kooriyaan Kaabaa irra deddeebiin Misaa’eela furguuguu hordofee miidhaan qaqqabe kan hin jirre ta’uu Muummeen Ministiraa Jaappaan Fuumiiyoo Kiishiidaan ibsaniiru.
Aanga’oonni biyyattii nageenya Dooniwwanii fi Xiyyaaroota naanawaa sana jiran sakattaa’aa jiraachuu kaasaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Misaa’eeloota Kooriyaan Kaabaa hanga ammaatti furguugsifte ilaalchisee wayita marii taasiisaa jiru biyyattiin ammaas Misaa’eeloota dhukaasuun ishee nama gaddisiisa jechuun ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.