Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kibbaa deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyattii Jaang Kaang ibsan.

Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hariiroo cimaa bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu Ambaasaaddar Jaang Kaang himaniiru.

Hariiroon ummattoota biyyoota lamaanis cimaa ta’uu kaasuun, Itiyoophiyaan waayita Kooriyaan Kibbaa Waraana keessa turte tumsi taasiifte hariiroo kanaaf bu’uura kan kaa’e ta’uu himaniiru.

Kooriyaan Kibbaa hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan eegalte deeggaruuf dhaabbilee idil addunyaa waliin qindoominaan kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.

Abbootiin Qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa hedduun Itiyoophiyaatti hojiilee misoomaa irratti bobba’anii kan argaman ta’uu eeruun, tumsi biyyoota lamaanii cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.