Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaaf deeggarsa maashinii gaaagura ammayyaa taasifte

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Mootummaan  Kooriyaa Kibbaa Ityoophiyaaf deeggarsa maashinii gaagura ammayyaa taasisuu ibsameera.

Maashiniin  kun osoo kanniisa irratti miidhaa hin geessisiin damma gaagura keessaa baasuuf kan tajaajilu ta’uu ibsameera.

Maashinichi ulfaatin kan hin qabne ta’uu fi namni kamuu bakkaa bakkatti sochoosuun haala salphaa ta’een fayyadamuu kan danda’u ta’uu eerameera.

Maashinoonni yaaliif dhufan kunneen giddugala qorannoo Hoolotaaf, giddugala leenjii horsiisa mootii kanniisaa Yaayyuu fi Shakkaatiif ergamuun ogeeyyii damichaan yaaliin isaa erga milkaa’een booda namoonni dhuunfaa, abbootiin qabeenyaa fi waldaaleen bitanii akka itti fayyadaman kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Maashinicha Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqruu Raggaasaa bakka bu’oota Kooriyaa Kibbaa irraa fuuchuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.