Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi invastaroota 11 waliin hojjechuuf waliigaltee mallattesse

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii invastaroota biyya Alaa fi keessaa 11 waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Akiliilu Taddasaa fi Bakka Bu’oonni Abbootiin qabeenyaa mallatteessaniiru.

Invastaroonni waliigalticha mallateessan kunneen, paarkiiwwaan indaastirii jiran keessaa shan keessatti hojjechuuf waliigaltee mallatteessuun ibsameera.

Haaluma kanaan, Paarkiiwwan Indaastirii Jimmaa Maqalee, Boolee Lamii, Baahirdaarii fi Paarkii Indaastirii Qilinxootti hojiilee invastimantirratti ni hirmaatu jedhameera.

Invastaroonni kunneen hojiilee qindeessa oomishaalee qonnaa, oomisha huccuwwanii, qorichaalee fi damee oomisha pilaastikarratti ni hirmaatu jedhameera.

Abbootiin qabeenyaa kunneen kaappitala Doolaara miiliyoona 100 kan galmeessisan yoo ta’u, sheeddiiwwan lafa kaaree meetira kuma 30 irratti ijaaramanii fi lafa misoome heektaara 4.5 fudhachuun gara hojiitti kan galan ta’uun ibsameera.

Hojii Raawwachiisaan Korporeshiniicha Obbo Akiliilu Taaddasaan, waliigaltichi Abbootiin qabeenya humna guutuun gara hojiitti wayita galan oomishaalee biyya keessaa fi alaaf dhiyyeessuun diinagdee biyyaaf gumaacha ni taasisu jedhaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan hojii dhaabee kan ture Paarkii Indaastirii Maqalee hojiitti deebisuuf tattaaffiin taasifamu kan deeggaramu ta’uus kaasaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.