Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa ijaarsa manneenii waggoota 28f adda citee ture eegalchiise

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa ijaarsa manneenii waggoota 28f adda citee ture eegalchiise.

Koorporeeshinichi marsaa lamaan ijaarsa manneenii addaddaa hojjechiisaa jira.

Marsaa jalqabaatin saayitoota addaddaa 5 irratti manneen jireenyaa fi daldalaa ijaarsisaa jira.

Marsaa lammaffaatinis saayitoota 4 irratti ijaarsa kan gaggeessu ta’uu hoji gaggeessaa olaanaan koorporeeshinichaa Rashaad Kamaal ibsaniiru.

Koorporeeshinichi riifoormii gaggeessee fi ijaarsa manneeniirratti hojii hojjete ilaalchisuudhan hoji gaggeessichi koree dhaabbii Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii Mana Marwe Bakka Bu’oota Ummataatif ibsa laataniiru.

Ijaarsa manneenitiin ala gamoowwan 20f hojii haaromsaa hojjeteera.

Qabeenyi koorporeeshinichaa Birrii biiliyoona 71tti kan tilmaamamu ta’uun ibsameera.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.