Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiniin Paarkiiwwan Indaastiirii Mana Maree Daldalaa Eeshiyaa Afrikaa waliin waliigaltee mallattesse

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)-Koorporeeshiniin Paarkiiwwaan Indaastiiri Ityoophiyaa Mana Maree Daldalaa Eeshiyaa-Afrikaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Hojii Rawwaachisaa Olaanaa Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Akiliiluu Taddalaa fi Pireezidantii Mana Maree Daldalaa Eeshiyaa–Afrikaa Dooktar Jiigii Siingi mallatteessaniiru.

Obbo Akiliiluu Taddalaa, waliigatichi hariiroo daldalaa, Invastimantii akkasumas michummaa Ashiyaa–Afrikaa daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa, Paarkiiwwan Indaastirii fedhii invastimantii Abboottii qabeenyaa Ashiiyaa kan guddisuu ta’uu eeraniiru.

Pireezidantiin Mana Maree Daldalaa Eeshiyaa–Afrikaa Dooktar Jiigii Siingi gama isaaniin, paarkiiwwaan Indaastirii Ityoophiyaa abbootiin qabeenyaa hojii Invastimantii irratti akka bobba’aniif xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa keessatti abboottii qabeenyaa invastimantii irratti bobba’an keessaa %60 abbootti qabeenyaa Eeshiiyaa ta’uu ragaan Koorporeeshini Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.