Fana: At a Speed of Life!

Koreen dhaabbichaa ijaarsi manneen waliinii ariifachuu akka qabu yaadachiise

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti koreen dhaabbii misooma magaalaa, konistiraakshinii fi geejjibaa ijaarsi Koondomiiniiyeemii ariifachuu akka qabu hubachiiseera.
Korichi daawwannaa Furii Haannaa fi Boolee Arrabsaatti gaggeesseen ijaarsi manneen waliinii 20/80 ariifachuu akka qabu hubachiiseera.
Furii Haannatti Bilookiwwaan 49 ijaarramaa jiraachuu fi raawwiin isaanii % 87 ga’uu ragaa dhaabbilee ijaarsa gaggeessan irraa argameen mirkanaa’eera.
Proojaktichi lammiilee kuma 2 fi 59 carraa hojii uumeeras jedhame.
Proojektiin Boolee Arrabsaa lakkoofsi 12 Bilookiwwan 159 qabaachuu fi % 94 raawwatamuu ibsameera.
Proojektiin lakkoofsi 13 ammoo bilookiwwan 164 qabaachuu fi ijaarsi isaa % 93 irra ga’uu daawwannaan taasifameen mirkanaa’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.