Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa kutaalee hawaasa waliin marii gaggeesse

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa kutaalee hawaasa Godina Horroo Guduruu fi Magaalaa Bishooftuu waliin marii gaggeesse jiraachuun ibsame.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti dhimmoota diimokirsaasii, bulchiinsa gaarii, mirga lammiilee, nageenyaa fi tasgabbii, misoomaa,kenniinsa tajaajilaa, itti fayyadama baajataa fi kannee biroo irratti mari’achuu Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsa Seeraa fi Misooma Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa, Obbo Gabree Urgeessoo dubbataniiru.
Akkasumas Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma magaalaa Caffee Oromiyaa qaamolee hawaasaa magaalaa Bishooftuu waliin mari’ateera.
Dhimmoota bu’uuraalee misoomaa fi dhiyeessi galtee qonnaa fi kanneen biroorratti mari’ataniiru.
Dura Taa’aan Korichaa Obbo Abdulqaadir Huseen Magaalaa Bishooftuu giddu gala turiizimii ta’u ibsuun, magaalaa Bishooftuu nageenyaan beekamtu, hawwattuu fi qabeenya umamaan badhaate kana caalmaan beeksisuuf bulchiinsi magaalichaa fi ummanni qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachisuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.