Fana: At a Speed of Life!

Koreen Fannoo Diimaa Idi Addunyaa deeggarsa tajaajila fayyaa maqaleen gahuu ibse

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Koreen Fannoo Diimaa Idi Addunyaa baatii Fulbaana darbeen booda yeroo jalqabaaf guyyaa har’aa meeshaalee deeggarsa tajaajila fayyaa magaalaa Maqaleen gahuu ibseera.

Deeggarsi qorichoota barbaachisoo ta’an dabalate kun dhaabbilee fayyaa naannichatti garmalee miidhaman kan qaqqabu ta’uu ibsameera.

Korichi balalliiwwan dabalataa qopheessuun torban kanaa fi ittaanutti deeggarsa meeshaalee fayyaa taasisu itti fufuuf karoorsuu ibseera.

Dabalataan deeggarsi korichi naannolee Amaaraa fi Afaaritti dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan tajaajila kennuun itti ulfaateef taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ragaan miidiyaa hawaasaa  Koree Fannoo Diimaa Idi Addunyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.