Fana: At a Speed of Life!

Koreen Istiriingii Proojektii Seeftineetii misooma magaaloota dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Koreen Istiriingii Proojektii Seeftineetii misooma magaaloota dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarsuu ibsameera.

Proojektiin Seeftineetii misooma magaaloota bara 2009 kan eegale yoo ta’u,wabii nyaataa lammiilee hiyyummaa hammaataa keessa jiraatanii mirkaneessuuf kan kaayyeeffateedha.

Bu’aa qabeessummaan isaas mootummaa Ityoophiyaa fi Baankii Addunyaan mirkanaa’uu ibsameera.

Proojekticha olaantummaan kan hogganu Koreen Istiriingii Proojektii Seeftineetii misooma magaaloota tibbana dhimmoota ijoo proojektichaarratti murtoo dabarseera.

Dhimmoota murtoon irra darbe keessaa ijoon Baajata sagantaa Proojektii Seeftineetii misooma magaaloota bara 2013 raggaasisuu ta’uu ragaan Eejansii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa magaalota federaalaarra argame ni agarsiisa.

Carraa hojii uumuu dargaggootaa qaama Proojektii Seeftineetii misooma magaaloota taasiisuu, akkasumas deeggarsa Yuuniiseef fi sagantaa nyaata addunyaa qaama baajata bara 2013 Proojektii Seeftineetii misooma magaaloota akka ta’un ragga’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.