Fana: At a Speed of Life!

Koreen waloo paartilee siyaasaa hundaa’e

Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti rakkoowwan adeemsa filannoo keessaatti muudatan furuuf Koreen waloo paartilee siyaasaa hundaa’eera.

Filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa nagaa, diimokaatawaa ta’ee akka itti fufuuf paartii badhaadhinaa dabalatee paartileen morkattootaa rakkoon muudatan furuuf sadarkaa magaalaatti kaleessa koreen waloo hundaa’eera.

Hogganaan waajjira paartii baadhaanaa damee siyaasaa Magaalaa Finfinnee obbo Alamaayyoo Ijjiguu hundeeffama koree waloocharratti haasaa taasisaniin, filannichi Ityoophiyaaf fakkenya kan ta’uu fi hawaasaf abdii kan horuu akka ta’uuf paartiin badhaadhinaa ejjennoo cimaa qabatee socho’aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Paartileen morkattootaas gama isaaniitin, nageenyii biyyaa fi magaalichaa hunda kan ilaallatuu ta’uun dhimmoota nageenyaa fi  adeemsa filannoorratti shooraasaanii akka ba’aan ibsuu ragaan Prees Seekreetaariyaat magaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.