Fana: At a Speed of Life!

Koreewwan dhaabbii Caffee godinaalee 10tti qaamaan gadi bu’uun hordoffii fi to’annoo hojiiwwan misoomaa gaggeessuu eegalan

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Koreewwan dhaabbii Caffee godinaalee 10tti qaamaan gadi bu’uun hordoffii fi to’annoo hojiiwwan misoomaa walakkaa waggaa gaggeessuu eegaluu ibsame.

Caffeen Oromiyaa, Yaa’ii Idilee Adoolessa darbe gaggeesseen karooraa fi baajata hojiiwwan mootummaa naannichaa bara 2014 raggaasuun hojiirra oolmaasaa karaa Koreewwan dhaabbii isaa hordoffii fi to’annoo kan gaggeessu ta’uu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’adaa Abdurahman ibsaniiru.

Koreewwan dhaabbii Caffees raawwii manneen hojii mootummaa kurmaana kurmaanaan gamaaggamuu fi waggaatti yeroo lama gara hawaasaatti qaamaan gadi bu’uun raawwii hojiiwwan misoomaa ilaalchisee hordoffii fi to’annoo bifa idilaa’een kan gaggeessan ta’uu aadde Sa’adaan bobbii koreewwan dhaabbii taasisan ilaalchisee kallattii hojii wayita kennan ibsaniiru.

Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa hordoffii fi to’annoo raawwii hojiilee misoomaa walakkaa waggaa godinaalee Oromiyaa 10 keessatti gaggeessan guyyaa har’arraa eegaluu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.