Fana: At a Speed of Life!

Koreewwan dhaabbii Caffee godinaalee Oromiyaa saddeet , aanaalee fi magaalota 24 keessatti argamu daawwannaa hojii dirree taasisuuf bobba’an

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Koreewwan dhaabbii Caffee godinaalee Oromiyaa saddeet , aanaalee fi magaalota 24 keessatti argamuun Amajjii 03,2013 irraa eegalee daawwannaa hojii dirree taasisuuf bobba’uu isaanii Caffeen Oromiyaa beeksise.
Hojiin hordoffiifi to’annoo hojiiwwan muummeyyii Caffee Oromiyaatiif addatti kennaman keessaa ijoodha jedheera waajjirri caffee ibsa nuuf ergeen.
Kunis, karooraafi baajata jalqaba waggaa irratti Caffeen raggaase bu’uura godhachuun raawwii hojii qaamolee mootummaafi manneen hojii madaaluun, mirgoonni bu’uuraa lammiilee kabajamuu, demokiraasiifi bulchiinsi gaariin mirkanaa’uu, baajanniifi qabeenyaan naannichaa sirnaan hojiirra ooluu isaa hordofuufi to’achuu irratti xiyyeeffata jedheera.
Caffeen, gamaaggama raawwii hojii kurmaana kurmaanaan taasifamuufi gara hawaasaatti gadi bu’uun daawwannaa dirree hojii qabatamaan jiru mirkaneeffachuuf karaa Koreewwan Dhaabbii isaa kan hojjetu yommuu ta’u raawwii walakkaa waggaa bara kanaa ilaalchisees Amajjii 03 Bara 2013 irraa eegalee Godinaalee Oromiyaa (8) saddeet (Boorana, Gujii Lixaa, Arsii Lixaa, Harargee Bahaafi Lixaa, Jimma, B/Baddalleefi Iluu Abbaa Booraa)tti Aanaaleefi Magaalota 24 keessatti gara Gandaattis qaamaan gadi bu’uun daawwannaa hojii ni taasisa.
Qabxiilee ijoon daawwannaa kanaas, olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf sochiiwwan qaamolee nageenyaatiin taasifamaa turaniifi bu’aa argame, haala qabiinsa mirga namoomaafi to’annoo irratti xiyyeeffachuun daawwannaa taasisuun qaamolee hawaasaa waliinis ni mari’ata.
Akkasuams, raawwii hojii qonna kilaastaraafi qophii qonnaa makanayizeeshiinii bara kanaa, qophii hojii misooma sululaafi qabeenya uumamaa, eegumsa biyyoofi bishaanii, carraa hojii uumuun walqabatee, hojii barbaaddota hojii dhaabbiifi yerootiin hojii keessa galchuufi saamicha lafa magaalaa, ijaarsa seeraan alaafi qubannaa seeraan ala lafa baadiyyaatiin walqabatee jiru hanbisuuf hojii hojjetamaa jiru kan daawwatu ta’a.
Kana malees, ijaarsi pirojektotaa haaraafi buleeyyii (daandii, bishaan, ibsaafi kkf) akkaataa barbaadameefi qulqulina barbaadameen hojjetamaa jiraachuu, maddoota galii adda baasuun raawwii karoora galii idileefi mana qopheessaa walakkaa waggaa, manneen barnootaa keessatti barattootaafi barsiisota COVID-19 irraa ittisuuf of eeggannoo taasiifamaa jiru, dhiyeessii ogeessota fayyaa, meeshaalee yaalaafi qorichaa, fayyadamummaa dubartootaafi dargaggootaa akkasuamas, kenniinsa tajaajilaan walqabatee hojiiwwan walakkaa waggaa kana keessatti hojjetamaa turan qabatamaan kan daawwatuufi qaamolee hawaasaa dhimmi ilaalu waliinis kan mari’atu ta’aan waajjirichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.