Fana: At a Speed of Life!

Koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa Proojektoota misoomaa magaalaa Jimmaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Koreewwan Dhaabbii Caffee magaalaa Jimmaatti Proojeektota adda addaa birrii miiliyoona dhibba 2 oliin hojjetamaa jiran daawwatan.
Proojeektota daawwataman keessaa giddugalli gabaa ganda Booreetti ijaaramaa jiru isa tokko yommuu ta’u, giddugalich gandoota sadiif tajaajila laata jedhame.
Hojii dhabeeyyii hedduuf carraa hojii kan uumu ta’uu Itti Gaafatamaan Mana Qopheessaa magaalichaa obbo Kadir Hasan ibsaniiru.
Garichi daandii dhagaa koobii keessa keessaa, proojektii ijaarsa paarkii laga Aweetuu fi haala baruu fi barsiisuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi sad.2ffaa magaalaa Jimmaa daawwateera.
Qaamoleen mootummaa fi caasaan mootummaa sadarkaan jiru qindoominaan karoorsanii miira itti gaafatamummaa qabuu fi aantummaa ummatummaatiin hojjennan milkaa’uun kan danda’amu ta’uu Dursaan Garee kanaa fi Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Baajataa fi To’annoo Baasii Mootummaa obbo Yilmaa Wayyeesaa ibsaniiru.
Dizaayiniin Proojektootaa Abbaa Taayitaa Konistirakishiinii Oromiyaa harkifataa ta’uun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu akka ta’e akeekaniiru.
Ittisa fi to’annoo Covid – 19n walqabatee dagganaan hawaasaa fi barattoota birratti bal’inaan mul’atu xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu obbo Yilmaan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.