Fana: At a Speed of Life!

Korichi haala hojii Misooma Qamadii Jallisii milkeessuun danda’amurratti mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC) – Koreen Moobilizeeshinii Misooma Qamadii Jallisii Naannoo Oromiyaa haala hojjicha milkeessuun danda’amurratti mari’ateera.

Bara kana akka naannoo Oromiyaatti Lafa Hektaara miiliyoona 1 qamadii jallisiin misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 38.2 argachuuf karoofamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Korichi haala hojiiwwan suphaa iskiimiiwwanii fi paampiwwanii baatii Fulbaanaa keessa xumuruun danda’amu, dhiheessii paamppii, galteewwan qonnaa fi dhimmoota milkaa’inoota karoorichaaf qooda qabanirratti mari’teera.

Koree sadarkaa godinaa fi gandaatiif deeggersa gaggeessummaa fi ogummaa kennuun danda’aniif ramaddiin laatamuun saffisaan hojiitti akka galamu waliigalamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.