Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichi Manneen jireenyaa waliinii fi daldalaa eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2013 (FBC) – Corporeeshiniin Manneen  federaalaa manneen jireenyaa waliinii fi daldalaa ijaarsisaa ture bilookiwwan 8 har’a eebbisiseera.

Korporeeshinichii manneen jireenyaa walinii fi daldalaa sadarkaa isaanii eeggatan saayitoota Garjii, Awwaaree, Bakkanniisaa, Boolee fi kanneen biroo eebisiiseera.

Korporeeshinichi mootummaa jijjiirrama as Manneen jireenyaa fi daldalaa ammayyaa haaraa ijaaruu danda’eera.

Manneen jireenya kanaan dura jiran waggootan dheeraaf osoo hin haaroomsamiin turan haaromsuun galii isaa guddisaa jiraachuu ibseera.

Gama hirmaannaa hawaasummaatiim immoo maatii haarka qalleeyyiif manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eegatan 50 ijaarsisaa ture keessaa 26 har’a eebbisisuun Kutaa magaalaa Boolee waliin walharkaa fudhiinsa raawateera.

Manneen ijaarramaniis Janaraalota, ministiroota fi hojjettoota mootummaa sadarkaa olaanoof laatamu jedhame.

Ijaarsi manneen kanneenii namoota kuma 5 oliif carraa hojii umeera.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.