Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Nifaas Silki laaftootti haatii da’umsaaf gahaa jirtu filannoo marsaa 6ffaaf sagalee laatte

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC)- Jiraattuun kutaa magaalaa Nifaas Silki laaftoo aadde Baanchigizee Asraat yaroo ulfaatti bakka bakkatti socho’uun ulfaataa ta’uus anaafis ta’ee dhala koo boruuf hoggansa hin ta’a jedhu filachuuf garu dadhabiin koo na hin daangeessu jetteetti.

Fillanichi haala nagaa fi bilisa ta’een gaggeeffamuu ibsun , paartileeniis sagalee uumanni kennuuf  kabajanii akka fudhatan gaafataniiru.

Naannoo fillannoo kanatti bufataalee garagaraatti ummanni sagalee isaa karaa nagaa fi bilisaan kennaa jira.

Kenninsa sagaleen maddittis akka kutaa magaalichaatti biqiltuu kumni dhibba sadii fi kumni shantamni dhaabiif qophaa’e dhaabamaa jira.

Kutaa magaalichaatti Naannoo fillannoo 23 tti bufataalee 76 tti lammileen kumni dhibba sadii fi kuma shantama ta’an kaardii fudhatanii sagalee isaanii kennaa jiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.