Fana: At a Speed of Life!

Kutaa Magaalaa Sulultaatti pirojektoonni Birrii miiliyoona 500 ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti pirojektoonni gara garaa Birrii miiliyoona 500’n ijaaraman eebbifamaniiru.

Piroojektoonni mana barumsaa bu’uura Boruu, Giddugalli gabaa fi Gamoo Bulchiinsa magaalaa eebbifamuu Bulchaan kutaa magaalaa Sulultaa Dooktar Shallamaa Bashaanaan ibsaniiru.

Magaalaan Shaggar erga hundaa’ee hojiilee misoomaa hedduun hojjetamuu fi kenniinsa tajaajjilli hawaasaa ammayyaa’uufi fooyya’uuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Kantiibaan Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloon dubbataniiru.

Magaalichatti bara kana piroojektoota rakkoolee hawaas- diinagdee hawaasaa furan Birrii biiliyoona 5.5’n hojjechuuf karoorfamuus ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.