Fana: At a Speed of Life!

Kuubaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu dameewwan garagaraatin guddisuu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC)- Kuubaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu dameewwan garagaraatin guddisuu akka barbaadduu ibsiteetti.

Kun kan ibsamee Kuubaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoo Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kubaa Biruunii Roodrigeez Paarilaa waliin wayita mari’atanittidha.

Ambaasaaddar Shibbiiruun Ityoophiyaa hariiroon Kuubaa waliin qabdu ibsun, obbolummaa damee hunda galeessaa biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetaan ibsaniiru.

Kanaafis dameewwan fayyaa, barnootaa fi cee’umsa teeknooloojiitin jiru cimsuufi akkasumaas hariiroo uummataa guddisuuf xiyyeeffannoon laataanii akka hojjetan ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi Ityoophiyaan hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa ilaalchisee adda addummaa Sudaan, Gibtsii waliin qabdu marii hiikuun tattaaffiisheen taasiftuu ibsaniiru.

Dabalataanis rakkoo daangaa Ityoo-Sudaan, filannoo marsaa 6ffaa fi mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeesseerratti ministirichaaf ibsa taasisaniiru.

Ministirichi gamaa isaaniitin, mootummaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamuu siyaasaa fi diinagdeen akka deeggaran ibsuusaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.