Fana: At a Speed of Life!

Kuufamni maallaqa Baankii Oromiyaa Birrii biilliyoona 54 ol qaqqabe

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Kuufamni maallaqni Baankii Oromiyaa Birrii biilliyoona 54.3 qaqqabuu baankichi beeksise.

Baankiin Oromiyaa Yaa’ii Waliigalaa Abboottii Aksiiyoonaa 14ffaa fi Yaa’ii arifachiisaa 5ffaa Galma Barkumeetti gaggeesseera.

Baankichi dameewwan 503 gahuu fi maamiltoota miiliyoona 4.3 horachuu ibseera.

Hanga Waxabajjii 30, 2023ttis kuufamni maallaqa baankichaa Birrii billiyoona 54.3 ga’uu eeruun, sharafa alaa Doolaara miliyoona 371 argamsiisuu beeksiseera.

Dabalataan qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii Billiyoona 66 ta’uu ragaan Baankii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.