Fana: At a Speed of Life!

Laggeen daangaa ce’oo Afrikaarratti mariin xiyyeeffate boru gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Laggeen daangaa ce’oo Afrikaa walqixxummaa fi sababa bu’uureffachuun haala fayyadamuun danda’amurratti mariin xiyyeeffate boru akka gaggeeffamu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Walga’ichi mata duree “Fayyadamummaan walqixaa laggeen daangaa ce’oo badhaadhina Afrikaaf murteessaadha” jedhuun kan gaggeeffamuudha.

Waltajjicharratti ministiroonni biyyoota yaa’a laga Naayil akka hirmaataan ibsameera.

Hirmaattonnis, Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa akka daawwatan ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.