Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsi dabalataa akka barbaachisu ibsame

Finfinee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)-Lammiilee balaa lolaan miidhaman deeggarsi dabalataa akka barbaachisu Koomiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa ibse.

Komishinarri Komishinichaa Ambaasaddar Shifarraa Taklamaariyaam, Itiyoophiyaatti Qindeessaa Olaanaan Dhimmoota Namoomaa fi Bakka Bu’aan Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Raamiiz Alaakbaaroov waliin ta’uun ibsa baasaniiru.

Ibsa isaaniin, Itiyoophiyaatti dhiyeenya balaa lolaa mudateen lammiilee miiliyoona 1.5 irraa miidhaan akka qaqqabe eerameera.

Haaluma kanaan lammiilee kuma 600 ta’an sababa balichaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu ibsaniiru.

Balaan lolichaa naannolee 7’tti aanaalee 85 olitti miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta’u, lammiilee miidhaman keessaa %80 ol Naannoo Somaleetti ta’uun eerameera.

Jilli Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaamii fi Dooktar Raamiiz Alaakbaarooviin durfamus naannawaa balichaan miidhaan qaqqabeetti sochii deeggarsa namoomaa daawwataniiru.

Yeroo ammaas mootummaan Itiyoophiyaa qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun miidhamtootaaf deegarsa namoomaa gama hundaan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsichaatti dabalataan mootummaan lubbuu lammiilee baraaruuf Raayyaa Ittisa Biyyaa, xiyyaaraa fi bidiruu bobbaasuun ibsameera.

Ta’us, naannawaa tokko tokkotti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa gahaa akka hintaane kaasaniiru.

Balichi jiraattota qe’ee isaaniirraa buqqisuurraa darbee damee fayyaa, bu’uuraalee misoomaa fi dameewwan biroo irra miidhaa qaqqabsiisuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Kanaaf, lammiilee miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa namoomaa barbaachisaa qaqqabsiisuuf sadarkaa biyyalessaa fi idil addunyaatti deeggarsa hatattamaa dabalataan walitti qabuun deebii kennuun akka barbaachisu eeraniiru.

Dhaabbileen tola ooltotaa biyya keessaa fi idil addunyaa miidhamtootaaf deeggarsa qaqqabsiisuuf akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.

Kana malees, balaawwan lolaa mudatan waarinaan furmaata kennuuf fandii barbaachisu hojiin barbaachuu hojjetamuu akka qabu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.