Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee buqqa’anii fi dhaabbilee barbadaa’an debisanii dhaabuuf deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 ol taasifame

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Lammiilee gocha garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi dhaabbilee barbadaa’an debisanii dhaabuuf deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 ol taasifamuu ibsame.

Dhaabbanni tola ooltotaa Namni Namaaf jedhamu lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’anii magaalaa Dassee fi Dabra Birhaan jiranii fi dhaabbilee fayyaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 ol taasisuu ibseera.

Bifuma walfakkaatuun lammiilee kuma 40 ol naannoo Afaar Cifraarraa buqqa’aniif deeggarsi taasifamuu ibsameera.

Walumaagalatti naannolee lameenitti lammiilee kuma 50 fi 500 oliif deeggarsi ariifachiisaanii fi deggarsi biroon taasifamuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.