Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Ityoophiyaa Chaayinaatti barnootarratti argaman waliin haala yeroorratti mariin taasiifame

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Chaayinaatti Imbaasin Ityoophiyaa Lammiilee Ityoophiyaa Chaayinaatti barnootarratti argaman waliin haala yeroorratti marii taasiisuu ibsameera.
Haala naannoo Tigraay keessa jiru, waldhabdee daangaa Itiyoo-Sudaanii fi marii sadee hidha haroomsaarratti interneetiin mariin gaggeeffameera.
Duula olaantummaa seera kabaachisuu naannoo Tigraayiin walqabatee lammiilee deeggarsa barbaadaniif mootummaan deeggarsa namoomaa dhiyyeessuu fi bu’uuraa misoomaa deebisee ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu Chaayinaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaddar Tashoomaa Toogaan ibsa taasisaniiru.
Lammiilee miiliyoona 2.5f deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Odeeffannoowwan Miidiyaalee fi dhaabbilee tokko tokkoon tatamsa’aa jiru odeeffannoo sobaa kan fudhatama hin qabne ta’uu ibsa taasiisaniiru.
Deeggarsa namoomaa dhaabbilee Idil-addunyaa guddisuuf hojjatamaa jirachuus himaniiru.
Sudaan walitti dhufeenya biyyoota lameenii bara dheera cabsuun daangaa biyyaatti darbuun gochaa seera Idil-adduunyaa cabsuu raawwachuu ishee himaniiru.
Chaayinaatti bakka buutonni waldaa barattootaa Ityoophiyaa gabaasa waligalaa sosochii waldichaa ibsu dhiyyeessuu isaanii ragaan Chaayinaatti Imbaasi Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.