Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Moorokoo fi Liibiyaatti lubbuu dhaban yaadachuuf taphattoonni baajii gurraacha godhatu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC) –Moorokoo fi Liibiyaatti sababa balaa lolaa fi kirkira lafaan lammiilee lubbuun darban yaadachuuf taphattoonni Piriimaayer Liigii Ingilaand hundi baajii gurraacha akka godhatan murtaa’uun ibsame.

Taphattoonni hundi irree isaaniirratti baajii gurraacha akka uffatan murtaa’uu ragaan miidiyaa hawaasummaa Waldaa Piriimaayer Liigii Ingilaadirraa argame ni mul’isa.

Taatee uumametti daraan gadduu Piriimaayer liigichi ibseera.

Taphaan duras yaadannoo sammuu lammiilee lubbuun darbaniif akka taasifamu murtaa’uun eereera.

Taphoota boruu eegalee hanga Wiixataatti taphatamurratti taphattoonni, hoggantoonnii fi murteessitoonni baajii gurraacha godhachuun gara dirree seenus jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.