Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee nagaarratti yakka suukkaneessaa raawwachuun Shororkeessummaa malee qabsoo siyaasaa ta’uu hin danda’u -Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC)- Lammiilee nagaarratti yakka suukkaneessaa raawwachuun Shororkeessummaa malee qabsoo siyaasaa ta’uu akka hin dandeenyi Paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Paartiin Badhaadhinaa haala yeroorratti ibsa laateera.

Waggoottaan lamaan darban keessaa sirna demookraasii dhugaa diriirsuun dirree siyaasaa babal’isuu dabalatee tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamaa turuu ibsichi eereera.

Hojii hojjetameenis ummata biratti abdii fi si’oominni guddaan muul’achuu paartiichi kaaseesara.

Ityoophiyaatti yaada nagaa, qaroominaa qabuu fi siyaasaa bilisa ta’een filannoo haqa qabeessa gaggeessuuf riifoormiin siyaasaa gaggeeffama turuus Paartichi ibsa baaseen eereera.

Yaa ta’uutii qaamoleen jijjiirramni kun hin liqifamneef ajjeechaa, buqqaatii, qabeenya barbadeessuuu fi lubbuu lammiilee nagaa gaaga’uu hojii ijoo taasiisuun gara aangootti deebi’uuf halkanii guyyaa hojjechaa jiraachuu himameera.

Qaamoleen badii Lammiilee nagaa hirmaannaa siyaasaa tokkollee hin qabnerratti gochaa suukkaneessaa raawwachuu itti fufaniiru.

Waggoottaan lamaan darbanitti lammiilee nagaa hedduu wareeguu fi qabeenya barbadeessuu paarichi ibsa haala yeroo ilaalchisuun laateen ibseera.

Tibbana naannoo Beenishaanguul Guumz godina matakkalii fi naannoo Kibbaa godina Beenchii Shaakkootti lammiilee nagaarratti yakki shororkeessummaa raawwachuu ibsich kaaseera.

Qaamolee dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuun aangoo qabachuuf yookaa biyya diiguuf sosocho’an keessaa tokko kan ta’e ABO shaneen guyyaa kaleessaa godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Gaawwaa Gaanqaatti haleellaa raawwateen lubbuun lammiilee nagaa hedduu galaafachuu fi miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu himameera.

Gochaan kun ammoo gochaa suukkaneessaa fi gara jabinaan guutame ta’uu eereera.

Paartichi haleellaa lammiilee nagaarratti raawwatameef gaddi guddaan itti dhaga’uu ibseera.

Mootummaan qaamolee kanneenirratti tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatuuf hoggantoonni paartii, deeggartoonnii fi ummanni biyyatti hundi mootummaa cinaa akka dhaabbatan gaafateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.