Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran deebisuuf karoora qophaa’eerratti mari’atame

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) –Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran deebisuuf karoora Koreen Raawwachiiftuu biyyaalessaa qopheesseerratti mari’atameera.

Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran kuma 102 yeroo gabaabaa keessatti gara Ityoophiyaa deebisuuf karoora Koreen Raawwachiiftuu biyyaalessaa dhaabbilee mootummaa 16 miseensummaan of keessatti hammatee hundaa’e hojiilee qophii duraa hojjechaa jiraachuu marii har’a gaggeeffameen ibsameera.

Koreen kun lammiilee kanneen deebisuu qofa osoo hin taane qooda fudhattoota hirmaachisuun hanga deebisee dhaabuutti hojjechuuf kan hundaa’e ta’uu Walitti qabduun korichaa fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsaniiru.

Lammiilee kanneen baraaruuf qaamoleen hundi hirmaannaa qindoomina qabu taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hanga danda’ametti lammiileen kanneen yeroo gabaabaa keessatti deebisuuf kan hojjetamu ta’uu Ambaasaaddar Burtukuun ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.