Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen daandiirra jiraatan kuma 17 ol qe’eesaaniitti deebifaman

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Baatiiwwan torban darban Finfinneetti lammiilee daandiirra jiraatan kuma 17 ol qe’eesaaniitti akka deebi’an taasisuusaa Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Finfinnee beeksise.

Itti Gaafatamtuun Biirichaa Doktar Haannaa Yeshiinigus, lammiileen daandiirra jiraatan qe’ee isaanitti deebisuuf hojiilee bal’aan hojjetamanillee rakkicha furuun hindanda’amne.

Bara darbe Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona 79 ramaduun lammiilee oolmaa fi bultiin isaanii daandiirra ta’e kuma 27 akka deebi’anii hojjetamuu yaadachiisaniiru.

Magaalichatti lammiileen daandiirra jiraatan % 93 naannoleerraa kan godaanan ta’uu fi baatiiwwan torban darbanitti lammiilee kuma 17 fi 700 qe’eesaaniitti deebi’uu dubbataniiru.

Tattaffiin taasifamaa jiru gahaa akka hintaane kan eeraan Doktar Haannaa, bulchiinsi magaalichaa Naannolee waliin ta’uun haalota rakkicha furuun danda’amurratti yaalii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbileen tola ooltotaa hojiilee lammiilee daandiirra jiraatan deebisanii dhaabuuf magaalaa Finfinneetti hojjetaan naannoleettis hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Lammiileen daandiirratti osoo hinbahin rakkoolee jiran bu’uurarraa furuuf lammiileen hundi tumsuu qabu jechuu isaanii TOI gabaseera.

Yuunivarsiitiin barnootaa Kotobee bara 2015 baatii Sadaasaa darbe qu’annoo taasiseen Magaalaa Finfinneetti lammiileen kuma 66 ol daandiirra jiraatu.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.