Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootan Ityoophiyaa walga’ii Manni Maree Nageenyaa Hidha Haaromsaa ilaalchisee gaggeessu mormuun hiriira gaggeessaa jiru

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) –Lammiileen Ityoophiyaa, dhalootan Ityoophiyaa fi deeggartoonni Ityoophiyaa walga’ii Manni Maree Nageenyaa Hidha Haaromsaa ilaalchisee gaggeessu mormuun kutaalee bulchiinsa Ameerikaa garaagaraatti hiriira gaggeessaaa jiru jedhame.

Hiriirtoonni kunneen Xaalayaa mormii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif laatan qopheessuu himameera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaaffii Liigiin Arabootaa,Gibtsii fi Sudaan dhiyeessan bu’uura godhachuu halkan har’aa dhimma hidha haaromsaa ilaalchisee walga’ii ni taa’a jedhameera.

Lammiileen Ityoophiyaa, dhalootan Ityoophiyaa fi deeggartoonni Ityoophiyaa walga’ii Manni Maree Nageenyaa Hidha Haaromsaa ilaalchisee gaggeesu mormuun Magaalaa Niiw Yorkii fi kutaalee bulchiinsa Ameerikaa garaagaraatti hiriira gaggeessaa jiraachuu qindeessitoonni hiriirichaa himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.