Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa Afrikaa kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 3, 2012 (FBC) – Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa Afrikaa kibbaa waliin mari’atan.

Lammiileen Ityoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman Afrikaa Kibbaa Johaanisbarg Impeeriraal Wondaraarsitti Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad waliin wal arguun mari’atan.

Muummeen ministira Dooktar Abiy lammiilee Ityoophiyaa Istadiyoomitti walitti qabaman argamuun haasa taasisaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan heeyyama akka argataniif Preezdaant Raamaafoosaan koree ministira dhimma alaa isaanii waliin akka gurmeessuun xiyyeeffannoon hojjetan waliigaluusaanii Dooktar Abiy dubbatniiru.

Haaloo fi ilaalchaa badaa qabannee biyyatitti badhaadhinaa fiduun hin danda’amu.

Muummeen ministira Dooktar Abiy wanta gaarii yaada fi hojjechuu qofan biyya badhaadhinaa qabdu uumun kan danda’amuu jedhaniiru.

Seenaa badaa kaleessaa dhiisuun, wanta gaarii darbeerra barachaa biyya ijaarun kan danda’amuta’uus himaniiru.

Dooktar Abiy bilisummaa Afrikaa Kibbaa qooda guddaa kan qaban Preezdaantin Afrikaa Kibbaa duranii Nelsaan Mandeellaan haloo dhiisuun wanta gaarii darbee babbaldhisuun biyya badhaadhinaa qabdu dhaloota har’af dabarsuu kan danda’an jedhaniiru.

Dooktar Abiy kabaja Ayyaana waggaa 108ffaa Paartii Koongiraasii Biyyooleessa Afrikaa Kibbaa irratti haasawa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Haasawa taasisaniis maqaa Paartii Badhaadhinaan erga ummata Ityoophiyaa baga ittiin isin gahe ummata Afrikaa Kibbaaf dhiyeessaniiru.

Paartiin ANC paartii dhaloonni walharkaa fudhuun ijaaran ta’uu kaasaniiru.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa sirni Appaartaayidii akka kufuuf qabsoo taasiisan ummanni Ityoophiyaa kan dinqisiifatan akka ta’e dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.