Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kuma 1 fi 190 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Ebla 12, 2013 (FBC)- Marsaa 3ffaan lammiilee Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa turan kuma 1 fi 190 gara biyyaatti deebi’an.

Guyyaa Har’aa lammiilee deebi’an hunduu dhiirota yoo ta’an kanneen keessaa 7 guddattoota umriin isaanii waggaa 15 gadii ta’uun ibsameera.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee ga’anitti deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuufiin, hojiin maatii waliin quunnamsiisuu hojjetamaa jira jedhameera.

Ebla 4, 2016 eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kuma 6 fi 600 ol deebi’uun ibsamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.