Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Matakkalii buqqa’an 4,541, qayee isaaniitti deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Walitti bu’iinsa naannoo daangaa Amaaraa fi Beenishaanguul Guumzitti uumamee tureen namoonni buqqa’an 4,541 gara qayee isaaniitti deebi’an.
 
Lammiileen kanneen bara darbe godina Matakkal aanaa Daanguurii qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’uun isaanii ni yaadatama.
 
Bulchaan godinichaa obbo Girmaa Taaddasaan akka beeksisanitti, lammiilen kanneen nagaa bu’een qayee isaaniitti deebi’aniiru.
 
Lammiilen kanneen har’a gara qayee isaaniitti kan deebi’an hojii nageenyaa raayyaan ittisaa, hoggansi naannolee lamaanii, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa hojjetaniini jedhameera.
 
Lammiileen kanneen deeggarsa mootummaan taasisuufin cinaatti, yeroon qonnaa ga’uu isaatin hojii oomishaa idileetti akka deebi’aniifi jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.