Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Saa’uud Arabiyaa deebi’an haala rakkisaa sana keessa ba’uun gara biyyaa deebi’uu isaaniintti gammaduu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Lammiileen Saa’uud Arabiyaa deebi’an haala rakkisaa sana keessa ba’uun gara biyyaatti nagaan deebi’uusaanitti gammaduu ibsaniiru.
Lammiileen manneen hidhaa Magaalaa Riyaad keessa turuun guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’an gammachuu isaanii bifa adda addaan ibsachaa jiru.
Mootummaan tarkaanfii lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuu eegale cimsee itti fufu akka qabu gaafataniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa kuma dhibba 7 fi kuma 50 olitti tilmaaman Saa’uud Arabiyaa keessa akka jiraatan kan dubbatamu yoo ta’uu, kanneen keessaa kumni dhibbi 4 fi kumni 50 ol karaa seeraan alaan gara biyyattii kan seenaan ta’uu TOI gabaaseera.
Lammiileen kuma dhibba 1 ta’an Saa’uud Arabiyaatti mana hidhaa keessa kan jiran yoo ta’uu, mootummaan lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuuf hojiilee dippiloomaasii garaagaraa hojjechaa turuun guyyaa har’aa marsaan jalqabaa gara biyyaa deebi’aniiru jedhame.
Lammiileen guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’an kunneen yeroo dheeraaf dararaa hammaataa keessa turuun har’a gara biyya isaanii deebi’uutti daraan gammaduu ibsaniiru.
Mootummaan tarkaanfii eegale kana daraan cimsuun lammiilee achitti hafan baraaruu akka qabu gaafataniiru.
Lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuuf mootummaa Ityoophiyaa fi Saa’uud Arabiyaa gidduutti torbanitti waliigalteen balallii 9 mallattaa’ee hojiin eegalameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.