Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Ambaasaaddaroota haaraa muudamaniif kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC)- Leenjiin Ambaasaaddaroota haaraa muudamaniif kennamaa ture xumuurame.

Ambaasaadaroota kanaaf dhimmoota,diinagdee,itti fayyadama faayinaansii,Immigreeshinii fi tajaajila lammiilee,walitti dhufeenya idil addunyaafi dippiloomaasii,Nageenyummaa Saaybarii,Dippiloomaasii lammiilee irratti xiyyeeffatu,Hirmaanaa diyaaspooraa fi kanneen biroo irratti leenjiin kennameefira.

Keeniyaatti ergamaa addaa fi Ambaasaadara Gutuu Ambaasaaddar Baacaa Dabalee, Koriyaa Kibbaatti ergamaa addaa fi Ambaasaadara Gutuu Dhaabaa Dabalee,Kuwaataaritti ergamaa addaa fi ambaasaadara Gutuu Feeysal Aliyyiin Leenjiin kennameef kun bakka ramadamanitti hojii ambaasadarummaa hojjetanif galtee akka isaani tahufi dirqama itti kenname galmaan gahuuf akka isaan gargaaru ibsaniiru.

Kabaja biyyaa fi mirga lammiilee biyyoota isaan itti ramadaman keessa jiran eegsisufi hojiilee dippiloomaasii gama adda addaatiin hojjetamu milkeessuuf qophaa’aa ta’uu isaani himaniiru.

Hojiin isaanii akkaataa barbaadameen galma akka gahuuf tokkummaan lammiilee keenyaa murteessaa akka tahefi lammiin hundi tokko ta’ee bakka jirutti biyyasaatif ambaasaadara akka ta’u dhaamaniiru.

Xumuura leenjicharratti kan argaman itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokoonnin kallattii hojii kennaniin.

Ambaassaaddaroonni haaraa mudaman faayidaa biyyaaleessaa kabachisuu akka qaban,balbala imbaasiwwan  biyyoota garaa garaa biyya isaan itti ramadaman keessa jiran rurukutuudhaan dhugaa Ityoophiyaa hubachisuu akka qabanifi dirqama mootummaa fi uummanni itti kenne itti gaafatamummaa guddaadhaan akka bahaan dhaamaniiru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.