Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin argame hojiitti hiikamuu qaba- preedaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Waltajjiin leenjii hoggansa Paartii Badhaadhinaa guyyootii 15f magaalaa Jimmaatti taa’amaa ture xumurame.
 
Waltajjichi har’a bakka preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti xumurameera.
 
Obbo Shimallis gaggeessitoonni hubannoo leenjidhaan argatan hojiitti hiikuun gahee isaanii akka ba’atan dhaamaniiru.
 
Leenjii magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa turerratti hoggansi magaalaa Jimmaa, godina Jimmaa, Qeellam Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunoo Beddelleerraa walitti babba’an 2,300 ol irratti hirmaataniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.