Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin dargaggoota tola ooltotaa mata duree”tola ooltummaa jireenya waloof”jedhuun kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) –Leenjiin dargaggoota tola ooltotaa mata duree”tola ooltummaa jireenya waloof”jedhuun Yuunivarsiitii Jimmaatti dargaggoota kuma 2 oliif kennamu eegaleera.

Ministeera Nageenyaatiin qophaa’ee waggoota lammaan darban keessa marsaalee adda addaatiin kennamaa kan ture leenjiin tola ooltootaa kun marsaa 7ffaaf Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti kennamuu eegaleera.

Leenjii marsaalee darbaniin bu’aaleen argaman hedduu ta’uu fi hanga ammaatti dargaggootni kumni 41oliif kennamuun haawasa tajaajilaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministeera Nageenyaa Aaddee Hirut Dalleeboon ibsaniiru.

Marsaa kanaanis Yuunivarsiitii Jimmaatti qofa dargaggootni kumni 2 ol kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Abdurehmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.