Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Gaggeessummaa Preezdaantummaa marsaa 2ffaan xumurame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Guyyoota10’f leenjiin gaggeessummaa preezdaantummaa marsaa 2ffaaf kennamaa ture xumurameera.
Xumura sagantichaarratti kan argaman Preezdaantiin FDRI Saahlawarqi Zawdeen leenjitoota waliin mari’achuun, gaaffilee dhiyaataniif deebii kennaniiru.
Preezdaanti Saahlawarqi “Eenyuyyuu garaa haadhaa keessatti waan hunda beekee kan dhalate waan hinjirreef, beekumsa keenya daangessuun hinbarbaachisu” jechuun faayidaa leenjichaa ibsaniiru.
Leenjii sadarkaa isaa eeggate kennamuu kan galateeffatan leenjitoonni, waan baratan gochaatti jijjiiruuf cimanii hojjechuuf waadaa galuu isaanii ragaan Waajjira FDRI irraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.reezdaanti
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.