Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Koree Giddugaleessaa Liigii Dargaggootaa Baahirdaaritti kennamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Leenjiin Koree Giddugaleessaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa mata duree “Dandeettiin dargaggootaa badhaadhina hundaagaleessaa Ityoophiyaa mirkaneessa” jedhuun Baahirdaaritti kennamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Liigii Daraggootaa Paartichaa Akiliiluu Taaddasaa, leenjichi tokkummaa dargaggootaa fi biyyaalessaa kan cimsuudha jedhaniiru.

Liigichi fuulduratti hojmaata baratame keessaa bahuun sirna dijitaalaan kan hogganamu ta’uu kaasanii leenjichis obbolummaa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Damee Gurmaa’inaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Dooktar Gaashaawu Awwaqee gama isaaniin leenjichi tokkummaa sabdaneessummaa fi Ityoophiyaanummaa kan guddisu, dandeetti siyaasaa dargaggootaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Paartichi miseensota miiliyoona 12 qabu keessaa miseensonni miiliyoona 3.5 dargaggoota ta’uu ibsamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.